Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa gocha badii waraana isaa fi finxaaleyyiin raawwachaa jiru tuffii Oromoof qabu kan agarsiisuudha jedhu hayyootni Oromoo

ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024

Gareen maafiyaa Bilxiginnaa ajjeechaa jumlaa uummata Oromoo qaama Finxaaleeyyii Amaaraan raawwatame osoo arguu akka hin arginetti osoo dhaga’uu akka hin dhageenyetti dabarsuun isaa uummata Oromoof tuffii qabaachuu mul’isa jechuun taatee Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru balaaleffatu. 

Irra deddeebiidhaan godinaalee Oromiyaa garaagaraatti ajjeechaa jumlaa uummata Oromoo irratti geggeefamaa jiru balaalefachuun, gochi kun murna bilxiginnaa fi garee nafxanyootaa itti gaafatama seenaa fi seeraa jalaa isaan hin baasu jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Keessumaa immoo miidiyaaleen jaleen murna impaaayeera ammaa bulchiinsa afaan qawwee of harkaa qabu,  dhiyeenya kana Ajjeechaa godina Lixa Shaggar aanaa Noonnootti finxaaleyyii Amaaraan raawwatamuun namootni 50 ol yeroo ajjeefamanitti uummata kanaaf sagalee ta’uu dhiisuun isaaniis tuffii uummata Oromoof  bilxiginnaan qabuu fi caasaaleen PP cufti waan bilxiginnaa jaju malee qeequ dhiyeessuu akka hin qabne waliigaltee waloo qabaachuu mul’isas jedhan.

Bakkoota Garaagaratti hidhaa fi dararaan kan hammaate roorroon biyya ofii irratti jabaachuu waan ta’eef,  uummanni bilxiginnaa dura  dhaabbachuun mormuun  dirqama jedhu. 

Impaayera kana keessatti murni dhufee darbaan uummata Oromoo ajjeesaa, hidhaa, saamaa, buqqisaa fi  cunqursaa kan darbaa ture waan ta’eef murni bilxiginnaa akkuma abboota isaanii kaleessaa har’as seenaa fokkisaa uummata kana irratti dalagaa akka jiran agarsiisa jechuun hayyootni Oromoo siyaasa impaayerattii barootaaf hordofaa jiran ibsu.

Itti dabaluunis jedhu hayyootni kunneen murni impaayera Itoophiyaa geggeessaan jira jedhu bilxiginnaan oduu sobaatiin akka waan uummatichaaf nagaa yaadee hojjechaa jiruutti uummata burjaajessuun ajjeechaa jumlaa raawwachaa jira. Kun immoo diigamuu keessoo bilxiginnaa, jabaachuu diddaa uummataa fi kufaattiitti deemuu impaayerattii agarsiisa jechuun ibsaniiru.

Exit mobile version