Barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Gambeelaa uummata Oromoo humnoota finxaaaleyyii fi waraana bilxiginnaan dhumaa jiraniif sagalee ta’uun murna bilxiginnaa balaaleffachaa jiru.
ONM-ABO Muddee 7, 2022 Fixiinsa sanyii addunyaan quba hin qabne Oromoo akka waliigalaatti cabsuun humnootni goolessituu faannoo fi waraanni bilxiginnaa waliin ta’uun raawwachaa jiru balaaleffachuun barattoonni Oromoo yuunvarsiitiilee garaagaraa irraa baratan mormii isaanii itti fufanii jiru.
Har’a ganama Muddee 7, 2022 sa’a cireetti barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Gambeelaa uummata Oromoo dhumaa jiran sagalee ta’uun bararuuf warraaqsichatti makamanii jiru.
Warraaqsa daangaan lafa hin uggurre akka galaanaa humna godhachuu qabu kanaaf ammoo barattoonni Oromoo kun wal gurmeessuun Yuunivarsiitii Gambeelaa keessatti nyaata lagachuun, mallattoo diddaa agarsiisuun, barruulee mormii fi deggersa saba isaaniif qaban facaasuu fi murna bilxiginnaa piroojektii kana deggeruun Oromoo fichisiisaa jiru balaaleffataniiru.
Mormii kanaanis dhaadannoolee garaagaraa dhageessisaa kan turan yoo ta’u murni bilxiginnaa yakamaa ta’uu ibsuun aangoo akka gadhiisuus gaafataniiru.
Dhaadannooleen kunis ajjeechaa uummata keenya irratti geggeeffamaa jiru nu irraa haa dhaabbatu. Kaleessaa harkaa fi harmaa nu kutaanii har’aa morma nu kutaa jiru
Halleelaan diroonii nu irraa haa dhaabbatu fi osoo uummatni keenya dhumuu nuti barattoonni Yuuniversitii Gambeelaa barachuu hin dandeenyu jechuun dhaadachaa turaniiru.
Akka Qeerroon Bilisummaa Oromoo jechaa jiranitti warraaqsa kana bu’uura uummata qabsiisuun uummata galaana kana murna maafi’aa kanatti dammaqsuun awwaala isaa saffisiisuu qabna jechuun warraaqsichi jabaatee akka itti fufu dhaamaniiru.

