Barattoonni Yuunvarsiitii Jimmaa mooraa Qonnaa uummata isaanii dhumaa jiruuf sagalee ta’an.
SQ Muddee 7, 2022 Duguggaa sanyii uummata Oromoo irratti murna bilxiginnaan tumsamee garee shororkeessaa faannoon raawwachaa jiru balaaleffachuun barattootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanaa fi manneen Oromiyaa keessa jiran hiriira mormii taasisaa jiran itti fufanii jiru.
Kaleessa Muddee 6, 2022 galgala barattootni Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa Mooraa Qonnaa keessaa baratan gurmaa’uun uummata Oromoo akka bineensatti humnoota badii faannoo, waraana lafoo bilxiginnaa fi humna qilleensaan dhumaa jiraniif sagalee taa’aa turaniiru.
Yuunvarsiitii Jimmaa keessatti xiyeeffannoo olaanaan ilmaan Oromoo waan hordofamanii guyyaa hiriira mormii kana geggeessuu yoo dadhabanis haala argatanitti fayyadamuun halkan irraa wal ga’uun uummata ajjeefamuun, reebamuun, buqqa’uu fi saamamuun uummata isaanii akkasumas lafa isa irratti salphachuun sabichaa isaan gaddisisuu ibsachuun aangoo gadhiisuu bilxiginnaa gaafachaa turaniiru.
Akka barattootni kun jedhanitti mormiin isaanii warraaqsaa galaana uummata bara 2020 labsame hordofuun hanga warraaqsichi rakkoolee Oromiyaa keessa jiran haxa’ee qulqulleessuun mirga abbaa biyyuummaa Oromoo kabachiisutti akkaataa barbaachisaa ta’etti warraaqsi kun itti fufa jechuun SQ himaniiru.

