ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024
Ispeen dhimma Afriikaan Kibbaa Israa’el irratti raawwatiinsa Konveenshinii Duguuggaa Sanyii Gaazaa keessatti dhiyaate ilaalchisee Jimaata kaleessaa Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatiif Labsii Giddu-galummaa dhiheessiteetti.
Ministeerri Dhimma Alaa Ispeen, “Gidduu seenuun kun akka Biyya Konveenshinii Duguuggaa Sanyii kana keessatti hirmaatteetti itti gaafatamummaa qabnuu fi seera idil-addunyaatiif kutannoo cimaa qabnuun kan kaka’eedha,” jedhan Ministeerri Dhimma Alaa Ispeen.
Tarkaanfiin Maadriid kun biyyoota biroo kan akka Kolombiyaa, Meeksikoo fi Falasxiin waliin kan walsimu yoo ta’u, biyyoota biroo hedduun kanneen akka Ayerlaandi, Beeljiyeem fi Chiiliin itti makamu jedhamee eegama.
Tarkaanfiin kun biyyattiin sirna idil-addunyaa seera irratti hundaa’e eeguu keessatti gahee ICJ’n qabu deeggaruuf of kennuu ishee kan hubachiisuudha.
Gaazaa fi Baha Giddu Galeessaatti nagaa deebisuuf gumaacha gochuu barbaanna,” jechuun ministeerichi dabalee ibseera.
Ispeen nagaa fi tasgabbii waaraa Falasxiinotaa fi Israa’el mirkaneessuuf furmaanni biyyoota lamaanii ( two state solution ) barbaachisaa ta’uu cimsitee ibsiteetti.
Gargaarsa argachuun daangeffamuu fi bu’uuraaleen misoomaa barbadaa’uu dabalatee rakkoo namoomaa Gaazaa keessatti mudate ilaalchisee yaaddoo jiru ibseera.
“ICJ’n dirqama duguuggaa sanyii ittisuu akka furuu fi tarkaanfiiwwan of eeggannoo dirqama ta’an Mana Murtichaan akka kabajamu ni gaafanna,” jedheera.
Ispeen murtii ICJ kabajuuf waadaa galtuun murtii haqaa idil-addunyaatiif deeggarsa akka qabduu fi nagaa fi tasgabbii addunyaa guddisuuf of kennuu ishee agarsiifteetti jechuun dabalteetti.
Murtee Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii dhukaasa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatu kan cabsite Israa’el erga Onkoloolessa 7 haleellaa Hamaas raawwateen booda haleellaa gara jabinaa Gaazaa irratti raawwatte itti fuftee jiruun balaaleffannaan idil-addunyaa ishee mudateera.
Haleellaa Onkoloolessa 7 booda tarkaanfii haaloo ba’uu Israa’el fudhatteen lammiileen Falasxiin 37,700 ol Gaazaatti kan ajjeefamuun 86,500 kan mafaa’an yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ta’uu aanga’oonni fayyaa biyya keessaa himaniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

