Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqiitti dargaggeessi tokko doorsisa waraana maafi’aa PP’n of ajjeesuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024

Gareen faashistii PP gartuulee waraanaa fi lukkeelee isaa bobbaasee lammiilee nagaa ajjeesuu dabalatee hidhee mana hidhaatti maallaqa guddaa gaafachuu irraan kan ka’e ilmaan Oromoo qe’ee gadhiisanii godaanuu fi namni waan kaffalu dhabee jireenya isaa jibbuun sadarkaa lubbuu isaa irratti murteessuu irra ga’eera.

Ajjeechaa fi hidhaan uummata jiilchee bulchuu kan fedhu bilxiginnaan godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqiitti dargaggoo maqaan isaa Baabbii Tashoomaa jedhamu waraana faashistii isaa itti bobbaasuun qabee magaalaa Maqiitti hidhee qarshii 35,000 gaafachuun maatiinis liqeeffatanii kaffaluun akka baasan jiraattonni ONM’tti himan. 

Maatiin dargaggoo Baabbiis qarshii namoota irraa liqeeffatanii hidhaarraa baasan waan kaffalan sababa dhabaniif, Baabbiin yaaddoo keessa galuu fi abdii kutachuun guyyaa kaleessaa Waxabajjii 28, 2024 of ajjeesee jira.

Yeroo dheeraaf murni badii bilxiginnaa namoota hirmaannaa siyaasaa hin qabnee fi hojii isaanii qofa irratti xiyyeeffatan yakkee hidhuu, ajjeesuu fi saamuu amaleeffachuun yaaddoo nageenyaa waan ta’eef lammiileen jireenya isaaniif yaaddoo keessa galuun ni beekama.

Exit mobile version