Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhamtoonni  siyaasaa Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqiitti hidhamanii jiran 140 ol ta’an reebicha irratti taasifamaa jiruun miidhaa qaamaa cimaaf saaxilamuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024

Akkuma seenaa addunyaa kanaatti namootni sirna abbaa-irree jala jiraatan mirga yaadota isaanii ibsachuu,  lubbuun jiraachuu, ba’anii nagaan galuu hanqachuu,   qaamolee aangoo of harkaa qabaniin akka looniitti oofamuu fi jireenyi isaanii manca’uu fi qorqalbiin miidhamanii jiraatu.

Uummani bifa akkasiin jiraachuu dhiisee qabsootti yoo hirmaate, yoo falmii mirga abbaa biyyummaa isaaf taasisuu baates gatii inni kaffalu bulchiinsa abbaa irree jalatti miidhamuu dha.

Akka kanaanis godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa Magaalaa Maqiitti hidhamtoonni siyaasaa maqaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hariiroo uumuun hojjettu jedhamuun hidhamanii jiran kanneen 140 ol ta’an rakkoo waraanni sirnichaa irratti taasisaa jiruun miidhaa guddaan irratti taasifamaa jiraachuu maddeen himan.

Keessattuu Dargaggoo maqaan isaa Baalchaa jedhamu torban lama dura hoteela magaalaa Maqii keessatti argamu kan “Makuriyaa” jedhamu irratti boombii waraanni bilxiginnaa ofumaa dhoosanii turaniin yakkamee erga guyyaa qabamee kaasee miidhaa waraanni gabroomfataan PP irratti taasisaa jiruun qaamni isaa guutummaatti hojii dhaabee akka jiru maddeen keessoo PP hordofaa jiran nuuf eeraniiru.

Dargaggoo Baalchaan yakka hojjete qabaatee osoo hin taane yeroo boombiin darbatame hoteela sana keessa waan jiru qofaaf shakkamee guyyaa sadiif halkan toora sa’a 5:00 irratti manneen hidhaa keessaa gad baasanii reebicha jabaa irratti taasisaa akka turanis himaniiru.

Dabalataanis namoonni hedduun manneen hidhaa magaalichaa keessaa halkan baafamuun reebamuu fi kanneen lubbuun baafamanii ajjeefamaa jiranis hedduu akka ta’an itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version