ONM-ABO Onkoloolessa 5, 2024
Hojiin abbaa irree saboota bulchan gara badiisaatti oofuu fi uummata kumootaan cunqursuun harka kennachiisuu kan jedhu yoo ta’u, kanas akka wanta nagaa fiduu danda’uutti tilmaamuun dhiiga dhangalaasaa oolu.
Fakkeenya Hitler kan ta’e koloneel Abiy Ahimed fedhii fi aangoo isaatti hirkatee nagaa sabootaa kan booressu, yeroo hundaa Oromiyaatti rakkoolee sabicha abdii kutachiisu hojjechuun egeree uummata Oromootti yaaddoo guddaa uumaa jira.
Gocha isaa kanaanis akka guutuu Oromiyaatti hidhaa labsee hiraarfama raawwachaa kan jiru yoo ta’u, godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaatti qonnaan bultoonni hidhaatti guuramaa jiraachuun barameera.
Bifuma kanaanis maqaa hidhata WBO qabduun namoonni baay’inni isaanii 92 ol ta’an, gandoota baadiyyaa cufa irraa guuramanii hidhamanii kan jiran ogguu ta’u, dabalataanis onichatti saamichi guyyuu waraana garboofataa PP’n jabaatee jiras jedhu.
Onkoloolessa 2, 2024 namni maqaan isaa Obbo Badhaasaa Abbabaa jedhamu magaalaa Daalattii irraa horii bitachuu deemnaan rifeensi kee kan WBO fakkaata jechuun waraanni faashistii PP qarshii 15,000 harkaa fudhachuun isa irrattis reebicha geggeessanii hidhuun himameera.

