ONM-ABO Onkoloolessa 2, 2024
Murni faashistii PP afaaniin nagaa labsaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii (genocide) labsuun loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa dararuu itti fufuun kutaalee Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo adamsee qabuun hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame.
Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaatti hawaasni nagaan hidhaatti guuramaa jiraachuun himamee jira.
Aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Lalisaa jedhamu irraa Fulbaana 9, 2024 namoota maqaan isaanii Abdii Morkaa fi Warqinaa Waaqoo jedhaman badii tokko malee sababa sobaa itti maxxansuun “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Namoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa kan ta’anii fi sababa sobaa bilxiginnaan ilmaan Oromoo irratti boceen ukkaamfamanii dararaa hamaa argaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

