ONM-ABO Sadaasa 13, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa irraa ilmaan Oromoo hunda dhiiraaf dubartii, jaarsaa fi jaartii, xiqqaa fi guddaa akkasumas beekaaf wallaalaa osoo hin jenne jumlaan sobaan yakkanii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararuu itti fufanii jiru.
Aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Dikoo Saqaa jedhamu irraa Sadaasa 12, 2024 waraanni sirnichaa badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Aadde Zabiibaa Xayibuu,
- Aadde Lubaabaa Shamsuddiin,
- Badhaasaa Kadir,
- Amaduu Abshiruu,
- Shariif kadirii fi kanneen biroo hedduu ta’an sababa tokko malee qe’ee isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “abbootii warraa keessanii fi ilmaan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun hidhanii jiraachuu dubbataniiru.

