• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Nuunnuu Qumbaatti hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatu akkaan cimee itti fufe

Nov 13, 2024

ONM-ABO Sadaasa 13, 2024 

Ergamtoonni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa irraa ilmaan Oromoo hunda dhiiraaf dubartii, jaarsaa fi jaartii, xiqqaa fi guddaa akkasumas beekaaf wallaalaa osoo hin jenne jumlaan sobaan yakkanii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararuu itti fufanii jiru.

Aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Dikoo Saqaa jedhamu irraa Sadaasa 12, 2024 waraanni sirnichaa badii tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Aadde Zabiibaa Xayibuu,
  2. Aadde Lubaabaa Shamsuddiin,
  3. Badhaasaa Kadir,
  4. Amaduu Abshiruu,
  5. Shariif kadirii fi kanneen biroo hedduu ta’an sababa tokko malee qe’ee isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “abbootii warraa keessanii fi ilmaan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun hidhanii jiraachuu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading