Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Dugdaa Keessatti hidhaa fi ajjeechaan jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen ONMtti himan

ONM ABO Sadaasa 18, 2023

Duulli ajjeechaa fi hidhaa uummata Oromoo irratti labsamee jiru Kan bubbule yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo bifa haaraatiin dararaa fi hiraarfamni murna abbaa irree Koloneel Abiy Ahimediin jabaatee guyyaa guyyaan dhiigni namoota qulqulluu yakkaa fi tuttuqaa siyaasaa tokko malee obba’aa jira.

Haaluma kanaanis godina baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda  Baqalee Girriisaa jedhamu Keessatti waraanni faashisti PP magaalaa Maqii irraa maqaa sakattaa WBOtiif bobbaate Sadaasa 15, 2023 dargaggoo maqaan isaa Kurfaa Kaasaa jedhamu haala  suukanneessaan rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni ONMtti himan.

Dabalataanis hidhaan jiraattota baha Shaggar aanaa Dugdaa Keessatti jabaatee jiraachuun, hidhamtootni hedduun magaalaa maqii Keessatti argaman dhukkuboota adda addaaf sababoota hanqina nyaataa fi hedduumina namoota bakka tokkotti hidhamaniin rakkoon irra ga’aa akka jiru Kan himan maddeen, guyyuma sana ganda Baqalee Girriisaa keessaa namootni hedduun waraana maafi’aa PPn qabamuun magaalaa Maqiittii hidhamanii Kan jiran yoo ta’u, Bulloo Qumbii fi Battee Hirphoo namoota qabamanii hidhamanii jiran keessaa Kan maqaa arganneedha.

Exit mobile version