Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti loltoota sirnichaan jabaatee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 22, 2024 

Uummanni Oromoo abbootii irree jalatti waanjoo garbummaa baatanii jiraachuun isaanii haa hafuu, mirga lubbuu namaaf kennamtu kamuu dhabuun manneen hidhaa fi iddoowwan adda addaatti faffa’acanii gidiraa fi roorroo hanga kana hin jedhamne keessummeessaa jiru.

Bifuma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa Magaalaa Maqii ganda 02  keessaa Sadaasa 19, 2024 waraanni naamusni waraanummaa irraa hin calaqisne kanneen garee shiftaan bobbaafaman namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Fitaalaa Erbaa,
  2. Obbo Sanbatuu Odaa,
  3. Obbo Xinnichoo Korjoo,
  4. Obbo Roobaa Gadaa, 
  5. Dar. Ifaa Jaagamaa fi 
  6. Qabbaneessaa Idoo jedhaman sababa tokkko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun waajjira poolisii magaalaa Maqii keessatti hidhanii dararaa jiraachuu dubbatu. 

Akka jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniitti namoonni reebichi hamaan irratti raawwatamee hidhaman kunneen siyaasa kam keessaayyuu gahee kan hin qabne ta’uu  himuun, namoota kanneen hojii isaanii irraa gocha isaanii malee akka dararaa jiran ibsan.

Exit mobile version