ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti waarana faashistii PP magaalaa bulchiinsa aanaa irraa fageenya miilaan daqiiqaa 30 irratti mooraa 3 buufattee uummaata Oromoo darartuu fi saamicha irratti raawwattu akkasuma guyyaa guyyaan ajjeechaa fi gudeeddaa geggeessaa turteef adabbii barbaachisaa kennee jira.
Waxabajji 28, 2024 kaleessa galgala Sa’a 10:00 -12:00tti Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Bobbaa Irbuu Shinniggaan itti seenuun mooraa sadan: Gamoo, Waajjira ganda Waldaa Qal’inaa akkasuma mooraa Waldaa Qal’inaa jedhamu irratti lola sa’atii 2f walitti fufiinsaan geggesseen loltoota sirnichaa farra riphee lolaa ofiin jettu hedduu du’aa fi madoon adabeera.
Mooraa Waldaa Qal’inaatti loltoota sirnichaa 47 du’aan yoo adabu 19 ammoo madoo cimaan adabee jira.
Bakka addaa Kooraa Waldaa Qal’inaa jedhamutti ammoo loltoota sirnichaa 23 yeroo ajjeesu 16 madoo cimaan geggeessee jira
Dabalataanis mooraa Gamoo jedhamutti ammoo loltoota 16 yeroo ajjeesu 19 madoo cimaan adabee jiraachuu gabaasni achii nu qaqqabe ni addeessa.
Waxabajji 27 Bahuma Shaggar aanaa Abuu Seeraa bakka Dooroo jedhamu magaalaa Dukamitti dhiyoo kan taate irratti WBO’n zoonii Harsadee Birgeediin Caffee Tumaa Cibraan Malkaa Hawaas Tarkaanfii loltoota Biraanuu Juulaa irratti fudhateen loltoota nageenya gaanfa Afrikaa ni tiksu jedhamee ololamuuf haxxee itti hidhuun 21 irraa ajjeesuun 15 madoo cimaan adabee jira.
Meeshalee waraanas irraa hiikuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolcheera.
Lola guyyoottan lamaan darban kana Bahaa Shaggar bakkoota adda addaatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana faashistii PP irratti taasiseen injifannoon boonsaan galmaa’eera.
Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

