Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti murni Bilxiginnaa daa’imman lamaa fi dargaggeessa tokko hidhee dararaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Guraandhala 8, 2025 

Murni hammeenyaan guutame Bilxiginnaan waan qabee gadi dhiisu wallaalee siyaasa isaa afaan qawween geggeeffachuu itti fufuun uummata nagaa irratti reebicha ulfaataa, hidhaa fi ajjechaa sababa malee hammeessaa jira.

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa iddoo addaa Horofee jedhamu keessatti Guraandhala 1, 2025 daa’imman maqaan isaanii: 

  1. Urjii Dhugaa Hulluuqaa daa’ima ganna 14 fi 
  2. Qananiisaa Boobee daa’ima ganna 15 

maqaa hidhata WBO qabdu jedhuun waajjira ganda Waldaa Qal’inaa keessatti hidhanii halkan halkan gadi baasuun odeessa WBO nuuf kennaa jechuun reebicha hamaa irratti raawwachaa  jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni kun jedhanitti daa’imman kunneen iddoo loon tiksanii kan qabamanii fi hidhata qaama siyaasaa kamiyyuu kan hin qabne ta’uu ibsaniiru. 

Kana malees dargaggoo maqaan isaa Beenyaa Dhaqqaboo Damee jedhamus lafa hojiitii qabuun hiraarsaa jiraachuu kan himan jiraattonni, yeroo ammaa kanas haalli dargaggeessa kanaa yaaddessaa ta’uun beekameera.

Exit mobile version