Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar aanaa Darraa keessatti hidhattoonni Amaaraa daangaa cabsanii seenanii fi waraanni PP walta’uun  ajjeechaa, saamichaa fi gubaatii manneenii raawwatan

ONM-ABO Adoolessa 1, 2024

Impaayera Itoophiyaa keessatti seerri waraqaa irratti malee kan lafarra hin jirre ta’uun waraanni raayyaa ittisa Impaayerattii otuu nagaa lammiilee tiksuu qabuu hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa waliin wal tumsuun lammiilee nagaa irratti saamicha, ajjeechaa suukkanneessaa fi gubaatii manneenii raawwachaa jira.

Humnoonni federaalaas ta’e humnoonni adda addaa naannoo Oromiyaa sirnicha aangoo jalatti tiksuuf malee nageenya hawaasa kanaaf birmannaa tokkollee dhabuun uummanni guyyaa saafaan eegumsaa fi qaama isaaf rifatu dhabuun afaan bineensaa bu’aa jira.

Tumsa raayyaan ittisa Impaayerattii fi hidhattootni Amaaraa waliin taasisaniin Waxabajjii 29, 2024 daangaa Oromiyaa kallattii Kaaba Shaggar aanaa Darraa ganda Raachootiin finxaaleyyiin Amaaraa cabsanii seenuun hawaasa hidhannoo hin qabne weeraruun gocha ajjeechaa suukkannessaa, saamicha, gubaatii manneenii fi shororkeessummaa ulfaataa irratti raawwatan.

Gocha dhala namaa irratti hin raawwatamne gareewwan kun raawwataniin maanguddootni sababa umurii isaaniif jalaa ba’uu hin dandeenye Attaaluu Baqqalee nama ganna 62, Abbiyyuu Mootummaa nama ganna 75 fi Aliyyuu Immiruu nama ganna 28 weerartoota Kanaan ajjeefamuun beekameera.

Manneen hawaasaa 40 ol ta’an weerartoota kanaan Kan gubatee fi maanguddoonni qaama hir’uu ganna 52 Geexee Alamuu fi Waayyuu Baqqalee  nama ganna 55 kan iji ishee arguu hin dandeenyee fi miidhama sammuu qabdu baqachuu dadhabuun mana waliin akka qoraanii gubatanii dhuman.

Uummanni naannoo kanaa rakkoolee hedduuf saaxilamaa kan jiranii fi nama isaan eegu dhabuun namni ganna 40 maqaan isaa Aabbuu Shariifoo jedhamus dhukaasa gareen kun itti dhukaasaniin rasaasaan madaa’ee jiraachuu jiraattotni aanaa Darraa himu.

Dhumarrattis humnoonni kun loowwan uummataa fi midhaan hawaasichi qabu otoo hin hambisin guuruun gara naannoo Amaaraatti akka galan jiraattonni naannoo sanaa gocha kana irraa hafan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version