ONM-ABO Guraandhala 19, 2024
Taateewwan murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru kan guyya irraa gara guyyaatti dabalaa jiru yoo ta’u, ilmaan Oromoos finxaaleyyii Amaaraa fi hidhattootuma murna bilxiginnaan guyyuu ajjeechaa fi gubaatiin manneenii irratti raawwatamaa jira.
Murni bilxiginnaa akkuma teessoo impaayerattii qabatee kaasee qe’een Oromoo alaa manni isaa nagaa dhabuun finxaaleyyii sirnichumti meeshaa itti hidheen ajjeefamaa fi qabeenyaan isaa gubachuun dachee isaa irratti gidiraa hamtuu keessummeessaa jira.
Kibba lixa Shaggar aanaa Ammayyaa ganda Jabbilaal bakka Harawwee fi Beeddee jedhamutti humnoonni finxaaleyyii Amaaraa fi hidhattootni sirnichaa waliin ta’uun lubbuu namaa fi qabeenyaa hawaasaa gubuun barbadeessuu jiraattotni ONMtti himan.
Taatee kanaanis namni shan (5) lubbuun darbuun, namni tokko yoo madaa’u, manni citaan 49 gubuun daaraa godhanii jiraachuu dabaluun ibsan
Namoonni ajjeefamanii fi madaa’an kunneenis maqaan isaanii Bashaadduu Waqtolee, Fayyisaa Abbaa Garoo, Asmaraa Kabbadaa, Miftaa Lamuu fi Tamaam Adam kanneen jedhaman yoo ajjeefaman, Hirphasaa Tashaalaa fi namni lama maqaan kan nun geenye madaa’anii yaala argachaa jiraachuus ibsan.
Oromiyaa keessatti murni bilxiginnaa maqaa uummata Amaaraa eeguu jedhuun meeshaa itti kan hidhe yoo ta’u jarreenis carraa kanatti fayyadamuun uummata hiraarsaa jiru jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

