ONM-ABO Adoolessa 3, 2024
Labsiin faayinaansii kufaa ta’us hiriirri mootummaa pireezidaantii Ruutoo mormuun itti fufee jira.
Poolisiin Keeniyaa mormii farra mootummaa bittimsuuf magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii fi magaalaa qarqara galaanaa Mombaasaa keessatti gaazii imimmaan nama boochisu dhukaasuun isaa ni yaadatama.
Giddugala magaalota lamaan keessatti manneen daldalaa hedduun cufamanii hafaniiru.
Hiriirtonni Kisumuu dabalatee magaalota biroos daandii irratti bahuun isaanii ni yaadatama.
Gareen mirga namoomaa akka jedhanitti, mormiin labsii faayinaansii falmisiisaa ta’e mormuun torban lama dura erga jalqabee as namoonni 39 humnoota nageenyaatiin ajjeefamaniiru.
Pirezidaantiin Wiliyaam Ruutoon ergasii daballii gibiraa yaadame kana kuffisaniiru; garuu hiriirri kun gara waamicha aangoo gadhiisuu fi muddama hamaa pirezidaantummaa isaanii keessatti gara jabummaa poolisii irratti aariitti jijjiirameera.
Haalli hiriira gaggeeffamaa ture kan torbee darbee caalaa xiqqaa ta’us, Mombaasaatti garuu mormitoonni poolisii waliin walitti bu’uun konkolaattonni gubachuu mul’ataniiru.
Naayiroobii keessatti daandii gurguddoo gara giddugalichaatti geessan tokko tokko irratti nageenya guddaatu jira.
Gareen mormitootaa ibidda qabsiisuu fi poolisii irratti dhagaa darbachuu isaanii ibsaniiru.
Naannoo daldala giddu galeessaa Naayiroobii fi Mombaasaatti abbootiin qabeenyaa dukkaanaa tokko tokko saamicha irraa of eeguuf kilaboota waliin akka sakatta’an dammaqtoota qacarataniiru jechuun BBC’n gabaaseera.

