Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dargaggoon tokko godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti mana isaa keessaa waraana faashistii PP’n butamee dhabamsiifamuun himame

ONM-ABO Adooolessa 8, 2024

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti jiraattonni balleessaa tokko malee  humnoota abbaa irreen qabamuun magaalichatti hidhamanii dararaa hamtuun irratti geggeeffamaa jiraachuun himame.

Namoonni barnootaaf gara magaalaa Naqamtee godina Lixa Wallaggaa, Qellem Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa irraa deeman, maqaa hojii basaasummaaf dhuftan jedhuun adamfamanii akka hidhamanii jiran maddeen keenya ONM’tti himan.

Barattoonni Yuunvarsitii Riftii vaalii, Niwu Geneereshinii, Wallaggaa Yuunvarsitii fi koolleejjiiwwan adda addaa irraa baratan halkan butamuun kan dhabamsiifaman ogguu ta’u, Adoolessa 4, 2024 ganda 04 irraa dargaggoo maqaan isaa Yohaannis Takilee jedhamu halkan toora sa’a afuritti waraana gabroomfataa PP’n butameera.

Hanga gabaasni kun qindaa’etti dargaggoon Yohaannis haalli lubbuun jiraachuu isaa kan hin beekamne yoo ta’u, hiriyyoonni fi firoonni isaa yeroo  barbaadanitti eessa akka jiru argachuu akka hin dandeenyes ONM’tti himaniiru. 

Hidhamtoonni hedduun kanneen mana hidhaa magaalaa Naqamteetti hidhamanii jiran baatii hedduu lakkoofsisan illee hanga har’aatti mana murtiittis osoo hin dhiyaatin jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version