Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti loltuun impaayerattii tokko waardiyyaa hoteelaa tokko rasaasaan rukutee madeessuun himame

ONM-ABO Hagayya 2, 2025 

Gara jabeeyyiin loltoota Bixiginnaa naamusni waraanummaa irraa hin callaqqisnee fi bakka saayinsiin waraanaa isaan dhaabu qabu hin beekne, bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 01’tti miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko Adoolessa 26, 2025 badii tokko malee waardiyyaa Hoteela Seenaaf kan ta’e, nama maqaan isaa Gaaddisaa jedhamu rasaasaan rukutee madeessuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Hojjetaan eegumsa hoteelichaa kun, badii qaama isaa madeessu kan hin qabnee fi loltuun kamuu mirga namoota nagaa irratti dhokaasuu akka hin qabne seerri idil addunyaas ta’e impaayeratti lafa kaa’us, ergamtootni akka feeteen  PP sababa waliin isaa hin beekamneen bakka hojii idilee isaatti rasaasaan rukkutanii madeessuun dabalataan ibsamee jira. 

Magaalicha keessatti, gochaan walfakkaataan akkasii jaleewwan Bilxiginnaan irra deddeebiin jiraattota irratti raawwachaa kan turee fi jiru yoo ta’u, baatii muraasa duras milishaan PP magaalichuma keessatti dubartii tokko rasaasaan rukutee madeessuun ni yaadatama.

Exit mobile version