Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee bahaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaatti abbaan daa’ima tokko waraana maafi’aa PPn ajjeefame

ONM-ABO Amajjii 9, 2024

Impaayerri bulchiinsa aangoo ofii qaban dimookiraasii fakkeessuuf guyyuu dhama’an,fakkeessii biyyoota biroo heera maqaa dimookiraasii jedhu moggaafachuun yeroo ammaa hawaasni gaaffii mirgaa,heera impaayeerichaa wabeeffachuun gaafatan deebii ajjeechaa gochuun dhiiga saba Oromoo dhangaalasuun daran jabaatee jira

Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa Kilaasteera Jaldeessaatti bulchaan araddaa Malkaa Qaroo kan maqaan isaa Ziyaad Haarun jedhamu nama maqaan isaa Rudwaan Shaddiin Yuuyyaa kan jedhamu abbaa daa’ima tokkoo kan ta’e sababa gaaffii rakkoo uummataa gaafateef jecha mana hidhaatti darbachuun rasaasaan rukutee yeroo dheeraaf hiraarfama irraan ga’uun Amajjii 2, 2024 lubbuun akka ba’ees jiraattotni dubbatu

Rudwaan nama jabaa egeree saba Oromoo tilmaamuu fi gaarii namaaf yaadu malee,dubbii siyaasaa gonkumaa akka hin hordofne kan himan jiraattotni,garuu ajjeechaan karaa kaadiroota PPn itti yaadamee godhame kun maatiin isaa hiyyummaaf akka saaxilaman gochuun yeroo ammaa haati warraa isaaf daa’imni isaa beelaan dararamaa jiraachuus odeessi gamasii arganne ni addeessa.

Exit mobile version