Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Habrootti dargaggoon tokko loltuu murna Bilxiginnaa tokko ajjeesuun tokko madeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025 

Aanaa Habroo magaalaa Baddeessaa jedhamu irraa dargaggoon Oromoo tokko torban darbe dura dhiibbaa yeroo yeroon loltoonni faashistii PP irratti raawwatan baachuu dadhabuun loltuu impaayerattii tokko rukutee meeshaa irraa fudhachuun ajjeesuun dhaga’ame. Kana malees, yerooma sana loltuun tokkos   madaa’uun yaala irra kan jiru ta’uun isaa baramee jira.

Dargaggoon kun osoo siyaasa tokko keessaa hin qabaatin, maqaa adda addaan loltoota sirnichaan garmalee adamsamaa kan turee fi gara leenjii waraanaa akka deemuuf dirqisiifamaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa kanas qawwee diina irraa hiikkate qabatee WBO’tti makamuun ibsameera.

Gootummaa fi cichoominni isaa kan isaan boonse WBO’nis murannoo fi hojii gootummaa isaa ajaa’ibsafachuun ofitti simachuu odeessi gamasii nu qaqqabe ni ibsa.

Exit mobile version