ONM-ABO Adooolessa 8, 2024
Hooggantoonni sirnoota waraanaa Maalii, Burkina Faasoo fi Nijeer walga’ii waloo isaanii isa jalqabaa Sanbata darbe magaalaa guddoo Niijer Niyamey keessatti gaggeessaniin, konfedereeshinii bulchiinsa naannoo Sahel sadii beeksisaniiru.
Sadan isaanii erga fonqolcha waraanaatiin aangoo qabatanii booda walgahii isaanii isa jalqabaa irratti waliigaltee konfedereeshinii kana hundeessuuf ibsa waloo fudhataniiru.
“Yaa’iin kun egeree iddoo waloo keenyaaf tarkaanfii murteessaa ta’a waliin taanee, bu’uura walabummaa keenya isa dhugaa, wabii nagaa dhugaa fi misooma itti fufiinsa qabu karaa ‘Alliance of Sahel States’ Confederation’ uumuudhaan ni cimsina,” jechuun Kaapteen Ibraahim Tiraayooree, hoogganaan Burkina Faasoo, X irratti barreesse.
Walgahiin kun Hawaasa Diinagdee Biyyoota Afrikaa Dhihaa (ECOWAS) irraa akka ba’an kan agarsiisu fakkaata. Hooggantoonni sadan kun jalqaba bara kana gamtichaan araara buusuuf carraaqqiin yeroo baay’ee godhamus akka gadhiisan himaniiru.
Jeneraal Abdoyurahamane Tiyaniin ji’a Adoolessa keessa fonqolcha mootummaa Niijar keessatti raawwateen pirezidaantii filataman Mohaammad Baazoyum irraa aangoo erga fudhatanii booda hariiroon saboota Sahel sadan gidduu jiru ECOWAS waliin hammaate.
Gamtaan kun dandeettii uumamaa guddaa kan qabu yoo ta’u, yoo sirnaan itti fayyadame, uummata Niijer, Maalii fi Burkina Faasoof egeree fooyya’aa ta’eef wabii ta’a,” jedhan Tiraayoreen.
Biyyootni sadan walumaa galatti uummata miliyoona 72 kan qaban yoo ta’u, tasgabbii dhabuu gareewwan hidhattootaan uumamuun miidhamaniiru.
Sadan isaanii dhimma nageenyaa irratti wal tumsuun walitti dhufeenya dinagdee cimaa ni uumu jedhamee eegama jechuun Anaadooluun gabaaseera.

