ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024
Preezdaantiin Gaanaa Nana Akufo-Addo akka jedhanitti Maalii, Burkina Faasoo fi Nijeer gamtaa naannoo Hawaasa Diinagdee Biyyoota Afrikaa Dhihaa (ECOWAS)tti deebi’anii akka makaman abdii qaban, gaaffii fi deebii FRANCE 24 irratti dubbatan.
Bara darbe loltoonni Faransaay naannoo Sahel irraa erga ba’anii as haalli nageenyaa hammaateera jechuun Akufo-Addo amanee jira.
Juntaa waraanaa Maalii, Burkina Faso fi Niger ECOWAS keessaa bahuu isaanii hordofuun Konfedereeshinii Biyyoota Sahel ijaaruu isaanii erga beeksisanii ji’oota booda, Pirezidaantiin Gaanaa Nana Akufo-Addo murteen kun nageenya naannichaaf duubatti deebi’uu akka ta’e dubbataniiru.
Akufo-Addo bulchitoonni waraanaa biyyoota sadan aangoo gadhiisanii sirna dimokiraasiitti deebi’uuf yaada akka hin qabne ifaadha jedhan.
Bara darbe loltoonni Faransaay Saahel keessaa bahuun isaanii haala nageenyaa Saahel hammeessee ture jedhan jechuun France 24 gabaaseera.

