Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaatti hawaasni biqiltuu Baargamoo heektaara tokkotti qarshii 25, 000 akka kaffalu dirqamsiifamuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Adoolessa 9, 2024

Aanaa Saqqaa Coqorsaa gandoota hunda irratti saamichi bifa qindaa’aan waraana faashistii PP’n itti fufee jira. Kunis bifa dhaabbii biqiloota bosonaa Baargamoo heektaara tokkotti qarshii 25,000’n waggaa waggaan akka kaffalan seerri haaraan saamicha kaadiroota faashistii PP’n labsamee jiraachuu jiraattotni aanaa Saqqaa Coqorsaa dubbatan.

Jiraattonni biqiltuu baargamoo hanguma qaban irratti hundaa’ee akka kaffalaniif labsiin ba’ee kan jiru yoo ta’u, namoonni walakkaa hektaaraa qabanis qarshii 12,500 kaffalaa kan jiranii fi namoonni hundi gibira hanga kaffalanii hin beekne kaffalchiifamaa turuu himan.

Akka jiraataan onichaa ONM dubbise himanitti uummanni onoota adda addaa rakkoo jabaa keessa jiraachuu himuun, namnuu guyyaa biqiltuu baargamoo dhaabee kaasee maallaqa kan kaffalu yoo ta’u, namoonni haalli jireenyaa itti ulfaatee kaffaluu dadhaban akka hidhamaa jiran ibse.

Baargamoon tokko dhaabbatee kan inni gurguramee maallaqa irra oolu waggoota afurii olitti ta’uu kan hime jiraataan kun,  namoonni haala kaffaltii kanaaf yaadda’uu irraa kan ka’e biqiltuu baargamoo mancaasaa akka jiranis dabaluun ONM’tti himeera.

Abiy Ahimed erga qonnaan bultootni impaayerattii gibira hin kaffalan, gibira Keeniyaa gadi funaannaa fi misooma argachuuf gibira kaffaluu qabdu jechuun dubbatee kaasee saamicha maallaqaatti labsii baasuun seera qabeessaan uummata dararuu eegalaniiru.

Exit mobile version