Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Baha Wallagga aanaa Saasiggaatti tarkaanfii laalessaa lukkeelee diinaa irratti fudhateen du’aa fi madoon adabuu beeksise

ONM-ABO Adoolessa 09, 2024

Irree fi gaachanni sabaa WBO’n godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti Bobbii Irbuu Shinniggaan tarkaanfii laalessaa fudhateen lukkeelee diinaa du’aa fi madoon adabuu ibseera.

Guyyaa kaleessaa jechuun gaafa Adoolessa 08, 2024 ona Saasiggaa bakka addaa Abbaa Daalee jedhamutti tarkaanfii laalessaa fudhateen lukkeelee diinaa maqaa sakatta’insa WBO’n baatetti rasaasa shiduun guggubee hedduu hoggaa ajjeesu, kanneen kaan immoo madoo dandammii hin qabneen adabee jiraachuun ifoomeera.

Guyyaa har’aas itti dabaluun onichuma ganda Odaa bakka addaa Bosoqa jedhamutti loltoota Abiy Ahimed kanneen uummata Oromoo dararuuf bobba’an irratti haxxee hidhuun konkolaataa isheen ittiin dhufte irratti haleellaa banuun loltoota sirnichaa irraa hedduu ajjeesuun kaanis madoo dandammii hin qabneen adabee qawwee AKM tokkoo fi hidhannoo mudhii guutuu dugda ishee irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof godhee jira.

Injifannoon uummata Oromoof ❗

Exit mobile version