ONM-ABO Adoolessa 11, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun WBO’n Zoonii Bahaa kaleessa Adoolessa 10, 2024 godina Lixa Harargee aanaa Gumbii Bordoddee keessatti diina du’aa fi madoon adabeera.
Tarkaanfii kaleessa ganama sa’a 3:00 hanga sa’a 4:00’tti aanaa Gumbii Bordoddee araddaa Gumbii bakka addaa Shaarkicha jedhamtutti waraana faashistii PP konkolaataa waraanaa paatiroonii 2’n deemaa turte irratti fudhateen guutuutti barbadeessee jira.
Paatiroolii kanarra hooggantoonni waraanaa fi tikootni bilxiginnaa keessa akka turan odeeffannoon keessoo PP ni addeessa.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii qindaa’aa Oromiyaa guutuu keessatti Caamsaa 28, 2024 Bobbaa Irbuu Shinniggaan eegaleen mooraa waraana bilxiginnaa keessatti kasaaraa guddaan qaqqabaa jira.

