ONM-ABO Adoolessa 11, 2024
Ministeerri Ittisaa Taayiwaan ibsa Kamisa har’aa baaseen “xiyyaaronni PLA 66 fi dooniiwwan PLAN torba naannoo Taayiwaan socho’an har’a hanga sa’atii 6’tti adda baafamaniiru” jedhe.
Kanneen keessaa xiyyaaronni 56 sarara giddugaleessaa miira namaa kakaasu kan daandii bishaanii dhiphoo kiiloo meetira 180 dheeratu kan odola ofiin of bulchitu Chaayinaa guddittii irraa adda baasu qaxxaamuraniiru jedha ministeerichi.
Ministeerri Ittisaa Taayiwaan suuraa lama kan xiyyaara waraanaa Chaayinaa J-16 fi xiyyaara boombii H-6 kan niwukilara danda’u kan dhiheenya kana kaafaman jedhes gadhiisee jira.
“Waraanni xiyyaaraa fi dooniiwwan komunistoota Chaayinaa dabalatee sochii galaanaa fi bishaan naannoo Daandii Taayiwaan keessatti raawwatamu bal’inaan qaba,” jedhan dubbi himaan ministeerichaa Sun Lii-fang.
Roobii kaleessaa qondaaltonni Taayiwaan dooniin xiyyaara fe’umsaa Chaayinaa Shandong jedhamtu shaakala waraanaa Paasifikii keessatti gaggeeffamuuf gara Filiippiinsiitti dhihootti akka darbite beeksisaniiru.
Waraanni Filiippiinsii shaakala Chaayinaa fi Raashiyaa Galaana Filiippiinsii keessatti gaggeeffamaa jiru kallattiin Shandong osoo hin eerin gabaasa argachuu isaa ibseera.
Beejiing akka qaama naannoo isheetti kan ilaaltu Taayiwaan waggoota dhiyoo asitti sochiin waraanaa Chaayinaa akka malee dabaluu isaa komatteetti. Sababiin isaas Beejiing mootummaa Paartii Dimookiraatawaa tarkaanfataa odola kanaa kan eenyummaa Taayiwaan cimsuu fi biyyoota idil-addunyaa waliin hariiroo cimaa uumuuf leellisaa jiru irratti dhiibbaa uumuuf yaaltee jirti jedhu.
Beejiing pirezidaantiin Taayiwaan Wiliyaam Laayi Chiing-tee “nama adda ba’uu balaa qabu” jechuun kan waamte yoo ta’u, yoo barbaachisaa ta’e odolli kun lafa guddicha Chaayinaa waliin humnaan “deebi’ee tokkoomuu” qabdi jetteetti jechuun Aljezeeraan gabaaseera.

