ONM-ABO Bitootessa 18, 2025
Xiyyaarota Chaayinaa 59 naannoo Taayiwaanitti argamuu ministeerri ittisaa Kibxata har’aa ibseera. Kunis erga baatii Onkoloolessaatii lakkoofsa olaanaadha.
Chaayinaan Taayiwaan qaama naannoo ishee ta’uu cimsitee kan dubbattu yoo ta’u, odola kana to’annoo jala galchuuf humna fayyadamuuf doorsisteetti.
Beejiing waggoota dhiyoo asitti jeettiiwwan waraanaa fi dooniiwwan galaanaa naannoo Taayiwaanitti bobbaasuun himannaa abbaa biyyummaa ishee jabeessitus, Taayiwaan garuu ni mormiti. Taayiwaan Chaayinaan basaasa, haleellaa saayibariitti fayyadamuudhaan, ittisa ishee dadhabsiisaa jiraachuus ni himatti.
Tarkaanfii Chaayinaa kana Taayiwaan Chaayinaan sochii weeraraa geggeessituun Nagaa fi Tasgabbii Taayiwaan fi Naannicha balaadhaaf saaxiluu dandeessi” jettee dubbachuu ishee AFP’n gabaaseera.

