• Wed. Jan 14th, 2026

Taayiwaan xiyyaarota Chaayinaa 59 naannoo Odoolatti isheetti argamuu dubbatti

Mar 20, 2025

ONM-ABO Bitootessa 18, 2025 

Xiyyaarota Chaayinaa 59 naannoo Taayiwaanitti argamuu ministeerri ittisaa Kibxata har’aa ibseera. Kunis erga baatii Onkoloolessaatii lakkoofsa olaanaadha.

Chaayinaan Taayiwaan qaama naannoo ishee ta’uu  cimsitee kan dubbattu yoo ta’u, odola kana to’annoo jala galchuuf humna fayyadamuuf doorsisteetti.

Beejiing waggoota dhiyoo asitti jeettiiwwan waraanaa fi dooniiwwan galaanaa naannoo Taayiwaanitti bobbaasuun himannaa abbaa biyyummaa ishee jabeessitus, Taayiwaan garuu ni mormiti. Taayiwaan Chaayinaan basaasa, haleellaa saayibariitti fayyadamuudhaan, ittisa ishee dadhabsiisaa jiraachuus ni himatti.

Tarkaanfii Chaayinaa kana Taayiwaan Chaayinaan sochii weeraraa geggeessituun Nagaa fi Tasgabbii Taayiwaan fi Naannicha balaadhaaf saaxiluu dandeessi” jettee dubbachuu ishee AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading