Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon hawaasa nagaa irratti saamichaaf ajjeechaa  raawwatan

ONM-ABO Adoolessa 13, 2024

Kutaalee Oromiyaa godinaalee adda addaatti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon murnoota bilxiginnaa waliin ta’uun hawaasa nagaa irratti duguuggaa sanyii geggeessuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan turanii fi itti jiran ta’uun ni beekama. 

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa bakkoota hedduutti ajjeechaan finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin uummata nagaa irratti geggeeffamu ammallee itti fufuun, Adoolessa 10, 2024 gara galgalaa aanaa Limmuutti daldaltoota magaalaa Galiilaarraa hoolota daldalan ganda Malkaa Lammii bakka addaa Gaalessaa jedhamutti nama maqaan isaa Badhaasaa Teekkuu Guddataa jedhamu ajjeesuu jiraattonni gandichaa himan.

Yeroo namni kun ajjeefamutti namootni kaan immoo baqatanii lubbuu isaanii oolfachuu fi qabeenya isaanii guutummaa isaa jalaa saamuu kan ibsan jiraattonni gandichaa, finxaaleyyiin kun, aanaa Limmuu keessa bakka adda addaa qubatanii hawaasa haala suukkaneessaa ta’een rasaasa itti roobsanii ajjeesaa jiraachuus itti dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version