ONM-ABO Adoolesssa 14, 2024
Impaayerri Itooohiyaa lola ishee hin barbaachifne lammiilee ishee irratti erga bantee kaasee siyaasni dinagdee, hawaasummaa fi dippiloomaasii isheen waggoottan 27 sobaan ijaarratte harkaa diigamuun rakkoo hamtuu keessa galtee jirti.
Rakkoon gama dinagdeen impaayerattii mudatee qaala’iinsa gabaa ol kaasuun hojidhabdummaa dagaagsee maatii baay’een jiraachuuf rakkachaa jiraachuu fi dinagdeen daldaltootaa haala hamaan balaaf erga saaxilamee bubbuleera.
Ulaa biyyoota alaa waliin kan wal quunnamsiisu buufatni doonii Jibuutii yeroo ammaa tajaajila akka duraatti kennaa hin jiru. Sababni isaas hanqina maallaqaa impaayerattii mudateen suphiinsi meeshaalee buufata doonii Jibuutii taasifamaa hin jiru.
Yeroo ammaas meeshaalee biyya alaa irraa achitti buufaman seeraan akka geejjibamuuf haalli mijachuu hanqachuun konkolaachistootni baatii tokkoo fi isaa ol dhaabbatanii jiraachuun barameera.
Abbootiin qabeenyaa fi konkolaachistootni kasaaraa hamaaf saaxilamaa akka jiran maddeen keenya ibsaniiru. Buufata doonii Jibuutii Itoophiyaan itti fayyadamtu kana irratti konkolaataan fe’umsaa dhaabbatee jiru kiiloomeetira hedduu uwwisee jira.
Jibuutiin baatii darbe keessa humni bittaa maallaqa Itoophiyaa gadi bu’aa waan jiruuf buufata doonichaa irratti akka itti hin fayyadamamne ibsuu isheetiin wal qabatee tajaajilli namootni yeroo achi dhaqan argatan rakkoo keessa galee jira.
Jibuutiin tajaajila ulaa galaanaa Itoophiyaan fayyadamtu irraa waggaatti biiliyoona 1.5 hanga biiliyoona 2’tti kan argattu yoo ta’u, daldalli alaa impaayerattii %95 karaa ulaa galaanaa Jibuutii raawwata.
Sababa rakkoon buufata kana irra jiruuf boba’aan akkaataa barbaachisaa ta’etti galaa akka hin jirre kan himan maddeen gatiin ol ka’uun amma dhufe kunis itti fayyadamtoota xiqqeessuuf yaadameeti jedhameera.
Abiy Ahimed garuu paarlaamaa irratti rakkoo bulchiinsi uume dhokfachuun walitti bu’iinsa Baha Giddu Galeessaa Hamaasii fi Israa’el, haleellaa Huutiin dooniiwwan irratti raawwatuu fi lola Yukireenii fi Raashiyaa akka rakkoo dhiyeessiitti kaasuun namoota isaatti himaa turuun ni yaadatama.

