Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruutti jiraattonni waraana faashistii PP’n rasaasaan madaa’uu fi manneen hidhaa keessatti hiraarfamaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Adoolessa 15, 2024

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu ganda Qaa’ootti Adoolessa 7, 2024 waraanni faashistii PP halkan irraa toora sa’a 7:00’tti manneen jiraattotaa hedduu cabsuun namoota baay’ee irratti reebicha jabaa erga geggeessaniin booda gariin rasaasaan madeessuu fi  hidhuun beekame.

Waraanni maafi’aa PP halkan  irraa mana Obbo Bayii Fiqaaduutti ol seenuun gara laafummaa tokko malee rasaasa lamaan madeessuun, yeroo gabaasni kun qindaa’etti yaala fayyaa dhorkachuun barameera.

Guyyuma mana Obbo Bayii weeraran intala isaanii shamarree maqaan ishee Hawwii Bayii jedhamtu qabuun of bira bulchanii miidhaa qaamaa ulfaataa irraan ga’uunis ifoomeera.

Kana malees ganduma Qaa’ootti mana jaartii ganna 80 cabsuun bakka ilmaan kee rafan nutti agarsiisi jedhanii reebicha qaama ishee irratti taasisuun hanga har’aatti haala rakkoo fayyaa keessa jiru. 

Dabalataanis obboleewwan lama kan maqaan isaanii Habtaamee Baantayyoo fi Ajjamee Baantayyoo jedhaman dudduba qawween reebicha ulfaataa irratti taasisuun lamaan isaanii mataa kan buruqsan yoo ta’u, shamarree Habtaamee hidhanii yaala malee waajjira Poolisii onichaatti hiraarsaa jirus jechuun dubbatu.

Walumaa galatti taateen  gandoota onichaa 13’n keessatti raawwachaa jiru suukkanneessaa fi namoonni waraana faashistii PP’n butaman milishummaa leenji’uu baannaan adabbii qarshii 30,000 kaffalanii ba’aa akka jiranis ONM odeeffateera.

Exit mobile version