Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellam Wallaggaa aanaa Gidaamiitti waraanni impaayera Itoophiyaa manneen uummataa gubaa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 16, 2024

Golee Oromiyaa hunda keessatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda” jedhu itti moggaasuun uummata nagaa hiraarsaa kan jiru Waraanni maafiyaa PP, godina Qellam Wallaggaa aanaa Gidaamiitti manneen uummataa gubaa jiraachuun himameera.

Aanicha ganda Kommii Kojjii jedhamutti guyyaa kaleessaa Adoolessa 15, 2024 mana uummataa irraa qorqorroo erga irraa buqqisaniin booda qabeenyaa fi mana isaanii barbadeessaa turuun beekameera.

Namoota maqaan isaanii Obbo Mangistuu Dhugumaa fi Obbo Misgaanuu Hiikaa jedhaman jalaa manneen isaanii gubuu kan himan jiraattonni gandichaa, gocha suukkanneessaa irratti raawwatan malee doorsisa ulfaataa ta’e uummata nagaa irraan ga’uu fi sodaa guddaa keessa kan jiran ta’uu jiraattonni himan.

Maqaa WBO jedhu namootatti maxxansuun ilaacha isaan hin qabneen gidira hanga kana ga’u waqtii gannaa namootni hojii isaaniitti muddamanitti  raawwachuun isaanii uummaticha hundeen dhabamsiisuuf waan itti yaadameedhas jedhaniiru.

Exit mobile version