ONM-ABO Adoolessa 16, 2024
Angaawoonni Iraaq reeffa namoota 139 boolla guddaa miidhamtoota garee Islaamummaa (ISIS)’n raawwatame jedhamee amanamu keessaa baasuu isaanii qondaalli Iraaq Dilbata darbe beeksiseera.
Boolli Alo Antar, gammoojjii uumamaa kan warra finxaaleyyii ISIS’tiin gara awwaala jumlaatti jijjiirame, kaaba Iraaq Mosul irraa gara Dhihaatti gara kiiloo meetira 70 fagaatee kan argamu Tal Afaar keessatti argama.
Reeffi meeqa akka boolla kana keessatti gatame hin beekamu, garuu carraaqqiin sakatta’iinsa namoota miidhaman biroo itti fufee jira.
Dhaabbata mootummaa awwaala jumlaa barbaaduu fi reeffa adda baasuuf itti kenname Faawundeeshinii Wareegamtootaa keessatti daayreektarri kutaa awwaala jumlaa Diyaa Kaariim, ”Haftee namoota 139 fi akkasumas qaama namaa buqqisneerra,” jedhan.
”Dubartootaa fi dhiirota kan haammatuudha,” kan jedhan Kaariim, ”akka ragaa ba’etti miidhamtoonni kun bulchiinsa ISIS irraa kan dhufaniidha” ykn yeroo al-Qaayidaan naannoo sanatti argamu dura kan raawwatameedha jedhan.
Ragaan akka agarsiisuu fi Kaarim jedhutti “namoonni miidhaman Yazidii, Shi’aa Turkmeen fi hojjettoota humnoota nageenyaa Moosul,” magaalaa guddoo qabatamaa ISIS “Kaliifaa” ofiin jette irraa dhufan ta’uu isaaniiti.
Kaaba Iraaq keessatti, ajjeechaa jumlaa fi garbummaa saalaa dabalatee, Yaziidoota, sabaa fi amantii xiqqaa ta’an irratti, hammeenya isaanii hamaa ta’e tokko tokko raawwataniiru.
Mootummoota Gamtooman akka tilmaametti ISIS awwaalota jumlaa 200 ol kan reeffa hanga 12,000 of keessaa qabaachuu danda’u dhiisee deeme.
Kaaba Siiriyaa keessatti, boolli gadi fageenya meetira 50 qabu yeroo bulchiinsa ISIS fi booda reeffa itti gatamu ta’ee itti fayyadamaa akka ture gabaasni Human Rights Watch bara 2020 baase ni mul’isa jechuun The Arab Weekly’n gabaaseera.
