Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti saamichii fi gubaatiin manneenii waraana faashistii PP’n raawwate 

ONM-ABO Adoolessa 18, 2024

Gareen faashistii PP siyaasa kiyya tuqxanii fi barcuma aangoo kiyyaaf yaadni keessan akkasumas gochi keessan yaaddoodha jechuun loltoota isaa bobbaasee namoota nagaa badii isaanii malee maqaa itti moggaasuun ajjeesee qe’ee uummataatti gadda uwwisuu itti fufee jira.

Haala kanaanis Baha Shaggar  aanaa Dugdaa ganda Gadaa Guusaa bakka addaa Dongorota jedhamu kessatti Adoolessa 14, 2024 galgala sa’atii 1:00 irratti waraanni murna faashistii PP  gandichatti bobba’uun gubaatii fi saamicha geggeessanii jiru.

Namoota saamichii fi gubaatiin kun irratti raawwate keessaa tokko nama Obbo Taaddasaa Lammaa jedhamuu dha. Obbo Taaddasaa jalaa mana Jireenyaa 2 ibidda itti qabsisuun kan guban yoo ta’u, midhaan nyaataa ardabaa 13, akkasumas; xaa’oo midhaan ittiin facaasan ardabni 8 mana waliin gubatee barbadaa’uun barameera

Namoota hedduu manni jalaa gubate malee saamichi qabeenyaa guddaanis gandicha keessatti raawwateera.

Waraanni akka feeteen Bilxiginnaa uummata Oromoo qorqalbii cabsee waan isaan jedhan qofa uummatichi akka raawwatu taasisuuf hojii lubbuu fi qabeenyaa Oromoo balleessuu ajaja Abiy Ahimediin geggeessan jabeessanii itti fufanii jiru.

Exit mobile version