ONM-ABO Adoolessa 18, 2024
Gareen faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu jabeessee itti fufee jiraachuun ibsame.
Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti caasaan bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu itti fufanii jiru.
Aanicha ganda Illaammuu Xarafaa jedhamu irraa Adoolessa 1, 2024 qabamanii kanneen hidhaman maqaan isaanii:
- Tasfaayee Dhaabaa,
- Abdiisaa Hirphaa,
- Gaddafaa Addunyaa,
- Margaa Achumaa,
- Ifaa Taasisaa,
- Hundasaa Nurgii,
- Yaadasaa Nurgii,
- Taaddalee Faantaayee,
- Guutaa Waaqgaarii,
- Naannoyyee Dhugumaa fi
- Tasfaayee Mul’ataa yoo ta’an, namootni kunneen badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun magaalaa Kombolchaatti hidhamanii jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

