Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti saamichi ulfaataan ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Muddee 29, 2024 

Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa saamuu, reebuu fi hidhaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiru.

Muddee 25, 2024 aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinee bakka addaa Qorkee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Wayyeessaa Mirkanaa jalaa hoolaa 1,
  2. Addaamuu Hambisaa jalaa re’oota 2,
  3. Xiiqii Guuttataa jalaa hoolaa 1 fi 
  4. Yaadataa Moosisaa jalaa hoolota 2 qaanii tokko malee saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ifoomsanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni saamichi irratti raawwate kunneen siyaasa kam irraa bilisa ta’anis, loltoonni sirnichaa garuu maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun saamuu dubbataniiru.

Exit mobile version