ONM-ABO Adoolessa 18, 2024
Ergamtootni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo roga isaaniif dandaa’ame maraan hacuucuu fi mirga sarbuun dinadgeen dadhabsiisuuf addatti immoo daldaltoota irratti kufaatii dinagdee argamsisuuf dararaa hamaa raawwataa kan jiran yommuu ta’u, magaalaa Jimmaatti caasaan Bilxiginnaa kun daldaltota irratti gatii gibiraa garmalee dabaluun ibsameera.
Daldaltoonni magaalichaa hedduun ji’a shan dura bakki daldalaa isaanii daandii cina ta’e maqaa “Smart City” jedhamu sababeeffachuun ergamtoota bilxiginnaan kan jalaa diigamee fi hojii addaan kutanii kan turan yommuu ta’u, kaffaltii gibiraa garuu kan waggaa guutuu itti muruun, manneen bunaa kaffaltii qarshii 15,000-20,000 fi dukkaanonni xixiqqoon qarshii 10,000-20,000’tti humna isaaniitii ol akka kaffalan taasisaa jiraachuu maddeen keenya himaniiru.
Kana malees, magaalichatti “suphaa daandii fi ijaarsa manneenii” jechuun kaffaltii gibiraan alatti saamicha hamaa irratti bobba’uun uummata irratti dararaa hamaa geessisaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Daldaltoota sadarkaa gadaanaa irra jiranii fi jireenya guyya guyyaa mo’achuuf tattaafatan osoo hin hafne maquma heyyama daldaalaa qabduun maallaqni guddaan itti murtaa’ee gidiraa argaa jiru.

