ONM-ABO Adoolessa 19, 2024
Ergamtootni Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo kutaalee Oromiyaa adda addaa keessa jiran goyyomsuun akka waan Oromoof yaadaniitti hoggaa dubbatan ni dhageenya. Garuu faallaa kanaa dargaggoota Oromoo fedhii isaanii malee dirqamaan ukkaamsanii butuun gara leenjii waraanaatti ergaa kan jiran yommuu ta’u, warra kaan immoo bu’aa nama dhuunfaa ija dura qabuun sossobanii gara isaaniitti makuuf yaalaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Harargee aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessatti dargaggoota irraa shakkii guddaa waan qabaniif Adoolessa 16, 2024 walitti qabuun mari’achiisaa ooluu maddeen keenya ifoomsan.
Akka dargaggoonni gandichaa himanitti, “hoji dhabeeyyii hunda bara 2017 hojii itti goona. Caasaa keenya waliin ta’uun hojjadhaa! Haala nageenya imphaayerattii waliin taanee irratti haa hojjannu” jechuun mari’achiisaa turuu fi dargaggoonni kun immoo sirna nama nyaataa imphaayera Itiyoophiyaa leellisu kana kan hin simanne ta’uu isaanii dubbatu.

