ONM-ABO Adoolessa 21, 2024
Lukkeelee fi ergamtoonni imphaayera Minilik addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yommuu ta’u, godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaatti maatii qabsaa’otaa mana hidhaatti guuruu irraa kan ka’e daa’imman isaanii rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuun himameera.
Aanaa Gooroo Doolaa ganda Waatoo Bureerii jedhamu keessatti kana dura caasaan bilxiginnaa “intala keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun nama Obbo Alamuu Halakee Jaldoo jedhamuu fi haadha manaa isaa Aadde Dasjennee Alii kan jedhaman ukkaamsuun yeroo dheeraaf waajjira poolisii onichaatti hidhanii dararaa kan jiran yoo ta’u, manni isaaniis qorqorroon sadii harka loltoota imphaayera Itoophiyaan jalaa gubachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Ijoollonni isaaniis qaama isaan kunuunsee guddisu dhabuudhaan jireenya dhabanii rooba gannaa keessa daandii irratti rakkoo hamaaf saaxilamanii jiru.
Daa’imman kunis maqaan isaanii:
- Abdiisaa Alamuu daa’ima waggaa 9
- Xulaa Alamuu daa’ima waggaa 7 fi
- Bilisummaa Alamuu daa’ima waggaa 5 kan ta’an osoo haadha, abbaa fi obboleeyyan qabanii akka ilmaan hiyyeessaa jireenya gadadoof kaadhimamuun miidhaa hamaa argaa jiraachuun barameera.
Kana malees, obboleeyyan shamarranii lama kanneen maqaan isaanii Obsituu Alamuu fi Hajjituu Alamuu jedhaman “obboleettii keessantu WBO keessa jira” jechuun haadhaa fi abbaa isaaniitti dabalanii maatii tokko keessaa nama 4 mana hidhaatti darbachuudhaan daa’imman sadeen kun rakkoo hamaaf saaxilamanii jiraachuu maddeen keenya itti dhiyoo jiran itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

