ONM-ABO Bitootessa 5, 2025
Loltoonni faashistii PP waggoottan ja’aa oliif lola jajjabaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisaa jiraachuun kan beekamu oggaa ta’u, injifannoo fi cichoomina WBO’s haalaan kan hubatan lola keessatti gaaga’ama lubbuu fi mancaatii qabeenyaa isaan mudatuun mufii keessa seenanii bakkeewwan hedduutti haaloo ba’annaaf uummata harka duwwaatti deebi’anii hidhuu, saamuu, manneen irratti gubuu fi ajjeechaa raawwatu.
Bifuma kanaanis Bitootessa 4, 2025’f godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Sirbaa jedhamutti haleellaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo humnoota diinaa irratti taasisee diina du’aa fi madoon adabuu hordofee hawaasa nagaa irratti waraanni faashistii PP reebichaa fi dararaa ulfaataa raawwachuun gariinis hidhaatti darbachuun ibsameera.
Namoonni loltoota faashistii PP’n ukkaamfamuun hidhaman miseensa maatii tokkoo oggaa ta’an maqaan isaaniis:
1. Luba mana amantaa Damisee Saphaansaa,
2. Aadde Haannaa haadha mana Damisee Saphaansaa,
3. Bayyanaa Damisee,
4. Boonaa Damisee,
5. Qananiisaa Damisee,
6. Misaa Damisee dabalatee
namootni hedduun mana hidhaatti dararaan irratti raawwachaa jiraachuun addeeffameera.

