• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaatti hidhaan waraana faashistii PP’n jiraattota irratti raawwatamu jabaate

Mar 5, 2025

ONM-ABO Bitootessa 5, 2025 

Loltoonni faashistii PP  waggoottan ja’aa oliif lola jajjabaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisaa jiraachuun kan beekamu oggaa ta’u, injifannoo fi cichoomina WBO’s haalaan kan hubatan lola keessatti gaaga’ama lubbuu fi mancaatii qabeenyaa isaan mudatuun mufii keessa  seenanii bakkeewwan hedduutti haaloo ba’annaaf uummata harka duwwaatti deebi’anii hidhuu, saamuu, manneen irratti gubuu fi ajjeechaa raawwatu.

Bifuma kanaanis  Bitootessa 4, 2025’f godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Sirbaa jedhamutti haleellaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo humnoota diinaa irratti taasisee diina du’aa fi madoon adabuu hordofee  hawaasa nagaa irratti waraanni faashistii PP reebichaa fi dararaa ulfaataa raawwachuun gariinis hidhaatti darbachuun ibsameera.

Namoonni loltoota faashistii PP’n ukkaamfamuun  hidhaman miseensa maatii tokkoo oggaa ta’an maqaan isaaniis:

1. Luba mana amantaa Damisee Saphaansaa,

2. Aadde Haannaa haadha mana Damisee Saphaansaa,

3. Bayyanaa Damisee,

4. Boonaa Damisee,

5. Qananiisaa Damisee,

6. Misaa Damisee dabalatee 

namootni hedduun mana hidhaatti dararaan irratti raawwachaa jiraachuun addeeffameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading