Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gamtaan Awurooppaa tattaaffii waraana Sudaan dhaabuuf taasifamu hunda deeggaruuf qophii ta’uu hime

ONM-ABO Adoolessa 26, 2024

Hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, gamtaan isaanii waraana Sudaan keessaa xumuruuf tattaaffii taasifamu hunda deggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru. 

“Waraana ji’oota 15 booda, loltoonni Sudaan balaa namtolchee kana dhaabanii gara minjaala marii dhufuu qabu,” jechuun Jooseef Boorel ibsa kennaniin dubbataniiru.

“Gamtaan Awurooppaa marii dhukaasa dhaabuu Ameerikaan karoorfame dabalatee, kan Hagayya 14 Siwiizarlaandii fi Sa’uudii Arabiyaa waliin qopheessan dabalatee, tattaaffii waraana kana dhaabuuf taasifamu hunda deggaruuf qophiidha,” jechuun Booreel dabalaniiru.

Mariin kun Siwiizarlaanditti kan gaggeeffamu yoo ta’u, Gamtaa Afrikaa, Masrii, Yunaayitid Arab Emireet, fi UN akka taajjabdootaatti kan hammatamu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa kenneen hubachiiseera.

Waraanni Sudaan keessatti Ebla bara 2023 keessa waraana Jeneraal Abdel Fattah al-Burhaan fi ajajaa humna deggarsa ariifataa (RSF) Mohaammed Hamdan Dagaloo gidduutti waa’ee loltoota RSF’n waraana biyyaa keessatti  makuu irratti waliigaltee dhabuun kan ka’e ture.

Walitti bu’iinsi kun rakkoo namoomaa hamaa kan fide yoo ta’u, walitti bu’iinsa uumameen namootni gara 16,000 lubbuun darbuu fi miliyoonaan kan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version