Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gamtaan Awurooppaa Sudaan keessatti walitti bu’insi hammachuu balaaleffachuun, qoqqobbiinis sodaachise

ONM-ABO Fulbaana 23, 2024

Hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Joozeep Booreel Dilbata kaleessaa kibba dhiha Sudaan magaalaa El Fasher keessatti walitti bu’iinsa hammaataa dhufe balaaleffachuun ”qoqqobbii dabalataa” akeekkachiisaniiru.

Booreel akka jedhanitti, Gamtaan Awurooppaa namoota hoggansaa dabalatee “qoqqobbii dabalataa” kaa’amuu danda’u ilaaluuf qophii ta’uu ibsuun, waldhabdee Humnoota dafee qaqqaba (RSF) fi Humnoota Waraanaa Sudaan (SAF) gidduutti uumame ta’uu isaatiin “duuguugiinsa sanyii biraa” naannichatti ittisuuf kutannoo gamtichi qabu cimsanii dubbataniiru.

Ibsichi haala yaaddessaa mooraa Zamzam, mooraa buqqaatota biyya keessaa guddicha Sudaan keessatti mul’ate kan ibse yoo ta’u, murtee Mana Maree Nageenyaa  Mootummoota Gamtoomanii 2736, kan RSF “goolama” El Fasher hatattamaan akka dhaabbatu gaafatu akka hordofan gaafateera.

Booreel deeggartoota naannoo dabalatee qaamoleen hundi seera namoomaa idil-addunyaa akka kabajanii fi eegumsa siiviilii fi qaqqabummaa namoomaa gufuu tokko malee akka mirkaneessan gaafataniiru.

Qondaalli Gamtaa Awurooppaa kun hogganaan RSF Mohaammad Hamdan Dagaloo fi hogganaan SAF Abdel Fattaa al-Burhaan marii nagaa irratti akka bobba’an dhaamaniiru.

Deeggarsi ispoonsaroota naannoo fi idil-addunyaa walitti bu’iinsa kana hammeessan  irraa akka dhaabbatanis  gaafataniiru.

Sudaan Ebla bara 2023 irraa eegalee lola waraanaa fi RSF gidduutti taasifamaa jiruun kan liqimfamte yoo ta’u, waldhabdee kanaan yoo xiqqaate namoonni 12,260 ajjeefamanii, 33,000 ol ammoo madaa’uu isaanii lakkoofsi UN ni mul’isa.

Sudaan ykn biyyoota ollaa keessatti namoonni gara miliyoona 6.8 ta’an qe’ee isaanii baqatanii nageenya barbaadaa waan jiraniif rakkoon gargaarsa namoomaa hammaataa dhufeera.

Waliigalteewwan dhukaasa dhaabuu hedduun jiddu-galeessitoota Sa’uudii fi Ameerikaan taasifamus jeequmsa kana xumuruu hin dandeenye jechuun BBCn gabaaseera.

Exit mobile version