ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024
Dheengadda Manni Maree Gamtaa Awurooppaa namoota dhuunfaa tasgabbii diiguu fi walitti bu’iinsa Sudaan keessatti deemaa jiru dheeressuuf itti gaafatamummaa qaban ja’a irratti qoqqobbii kaa’uu beeksise.
Qoqqobbiin kun namoota ijoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan (SAF) fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) lamaan irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, gareewwan lamaan waraana gara jabeessa keessatti hirmaatanii jiru.
Namoota gama RSF’n qoqqobbii irra kaa’aman keessaa Jeneraal Abdel Rahman Juma Barakallah, kan Darfur Lixaa keessatti gocha hammeenyaa raawwachuun himataman, fi gorsaa maallaqaa RSF keessatti ni argamu. Hoogganaan gosaa beekamaan RSF waliin hidhata qabu kan Lixa Daarfuur keessattis tarree kana keessatti haammatameera.
Gama SAF’tiin qoqqobbiin kun Daarektarri Olaanaa Sirna Industirii Ittisaa, dhaabbata duraanuu qoqqobbii Gamtaa Awurooppaa jala jiruu fi Ajajaa Humna Qilleensaa Sudaan, kan loogii malee boombii qilleensaatiin himatame irratti kan xiyyeeffateedha.
Dabalataanis, Alii Ahimad Kartii Mohaammad, Ministira Dhimma Alaa Sudaan duraanii Omar Al-Bashir jalatti kan turan fi itti gaafatamaa Sochii Islaamaa kan turan, tarreeffamaniiru.
Qoqqobbii kunneen qabeenya dhorkuu, uggura imala Gamtaa Awurooppaa keessatti, fi namoota irratti xiyyeeffataniif maallaqa ykn qabeenya dinagdee kennuu dhorkuu kan dabalatuudha. Tarkaanfiin yeroo dhiyoo kun lakkoofsi namoota dhuunfaa fi qaamolee sirna qoqqobbii Sudaan jala jiran 12 taasiseera.
Gamtaan Awurooppaa kanaan dura qaamolee SAF fi RSF waliin hidhata qaban ja’a irratti Amajjii bara 2024 qoqqobbii kaa’ee ture.
Ji’a Eblaa keessa Gamtaan Awurooppaa waamicha dhukaasa hatattamaa akka dhaabbatu irra deebi’ee kan ibse yoo ta’u, waldhabdee kana xumuruuf, lammiilee nagaa eeguu, nageenya mirkaneessuu fi gargarsa namoomaa qaqqabsiisuu, akkasumas; meeshaalee rakkoo kana hiika jedhamu hunda fayyadamuuf waadaa galuu isaa irra deebi’ee mirkaneessee turuu Sudan Tribune gabaaseera.

