ONM-ABO Adoolessa 26, 2024
Gidiraa fi sarbamni mirga dhala namaa erga Abiy Ahimed aangootti ba’ee jabaachuun badiin uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru kan seenaadhuma Oromoo keessatti takkaa raawwatamee hin beekne, har’a garuu murna bilxiginnaa jalatti qe’een uummata ulfoo salphina uffachuun namuu manaa nagaa fuudhamee reeffi manatti deebi’u taatee jirti.
Gareen abbaa irree umurii isaa dheereffachuuf jecha hawaasa nagaa ukkaamsuun badii tokko malee mana hidhaatti dararaa jiraachuu fi namoota achi buutee isaaniis dhabamsiisuu irratti bobba’anii jiran haalaan jabeessanii jiru jedhu jiraattonni.
Lola WBO’n Adoolessa 18, 2024 aanaa Martii keessatti loleen loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa lola sana irraa hafan reeffaa fi madoo ishee namootni harreetti fe’anii akka magaalaa galchan dirqama itti kennuun, erga isaan magaalaa galchanii boodas namoota kudha lama harree waliin deeman kana mana hidhaatti galchanii dararaa akka jiranii fi nama tokko ammoo achi buutee isaa dhabamasiisuus himan.
Namoonni mana hidhaatti hiraarfamaa jiran kunneenis
- Baay’isuu Hajii
- Abdallaa Badaa
- Abdallaa Nuraa
- Shaalloo Amaan
- Fu’aad Nuruu
- Muraad Nuruu
- Sulxii Qaasiim
- Raadiyaa Kadiir
- Gannoo Faqoo
- Qasiim Galatoo fi
- Abduroo Juneeydii kan jedhaman yoo ta’an,
namootni kanneen erga Adoolessa 18, 2024 dhabamanii barbaacha guyyootaa booda Adoolessa 23, 2024 mana hidhaa keessatti argamuu fi nama maqaan isaa Haajii Amaan Aliyyii jedhamu mana hidhaa irraa baafamee ajjeefamee fi dhiifameen isaa hanga ammaatti kan hin beekamne ta’uus jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru.

