Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna bilxiginnaa godina Arsii bahaa on Martii keessatti namoota 6 yoo ajjeesan ona Fantaallee keessatti namoota hedduu gabanii achi buuteedhabamsiisan

Waraanni murna bilxiginnaa godina Arsii bahaa on Martii keessatti namoota
6 yoo ajjeesan ona Fantaallee keessatti namoota hedduu gabanii achi buutee
dhabamsiisan.
ONN- ABO – Meddee 3, 2022 Muddee 1,2022 waraanni bilxiginnaa ilmaan
Oromoo badii tokko male ajjeesuu bare godina Arsii bahaa ona Martii ganda
Wataroo Diinoo keessatti namoota naga ja’a ajjeesan. Namoonni ajeeffaman kun
Hasanoo Adamoo, Huseen Amboo, Leencoo Badhaasoo Dibichoo, Huseen
Gobanaa, obbo Sai’doo Muhammad fi Huseenoo Adam yo ta’an ganduma
Wararoo Diinoo kan keessaa namoota fur kan maqaan isaanii Gaaddisaa Gannaa,
Adam Galatoo, Adam Idirisoo fi Gabii Adam jedhaman gabanii achii buutee
dhabamsiisuun beekameera.

Godina Shaggar bahaa aanaa Fantaallee ganda Kanifaa keessa waraanni faashistii Abiy Ahimed namoota kudhan qabuun achi
buutee dhabamsiisee jira. Muni bulchiinsi impaayerattii harkatti laamsha’aa jiru
bilxiginnaan ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi manneen gubuu akka meeshaa
yaalanis diddaan hawaasni Oromoo bakka maraa murna bilxiginnaa irratti qabu
jabaatee jiraachuu madden Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version