Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni waraana Bilxiginnaa 2 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii irraa WBO’tti harka kennatan 

ONM-ABO Adoolessa 26, 2024

Dhaabbanni waraanaa imphaayera Itiyoophiyaa heeraa fi uummata isaaf amanamee nageenya uummataa tiksuu irra abbootii taayitaaf barcuma isaanii tiksuu hojii godhachuun hojjetu, bara kanas taayitaa Abiy Ahimed jabeessuuf ilmaan Oromoo maatii isaanii biraa humnaa fi goyyomsaan qabuun leenjisanii waraanummaan bobbaasanis waraanichi badii murni Bilxiginnaa uummata irratti hojjechaa jiru hubachuun keessaa ganaa jira.

Haaluma kanaan dheengadda Adoolessa 24, 2024 galgala mooraa waraana Bilxiginnaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii irraa miseensotni waraana Abiy Ahimed 2 qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti makamanii jiru.

Loltootni Bilxiginnaa duraanii sabaan Oromoo ta’an kun qawwee Turkii 2, boombii 2, rasaasa 360 fi hidhannoo 2 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisaniiru.

Loltootni Bilxiginnaa harka kennatan kun, mooricha keessa rakkoon sabaan wal qooduu jiraachuu fi maaliif akka lolan akka hin beekne, akkasumas; yeroo hunda waa’ee lolaa qofa karoora baafachuun loltoota nuffisiiseera jechuun, loltootni isaanii dirqama kana fudhatanii ba’an ammoo gochoota suukkanneessaa ajjeechaa, saamicha, manneen gubanii barbadeessuu fi namoota nagaa qabanii hidhuu raawwatu jedhan.

Gocha farra dhala namaa fi faallaa naamusa loltummaa raawwachaa jiraachuu murna Bilxiginnaa ilaallee keessaa ganne kan jedhan loltootni kun, warreen achi keessatti hafan yeroon qawwee fi hidhannoo isaaniin WBO’tti akka makaman dhaamsa dabarfataniiru.

Exit mobile version