Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ruutoo fi Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Blinken  bilbilaan haasaa waliin taasisan

ONM-ABO Adoolessa 26, 2024 

Pireezidant Wiliyaam Ruutoo fi Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antooni Blinken Kamisa kaleessaa haala Keeniyaa irratti bilbilaan mari’ataniiru.

Akka dubbi himaan Blinken, Maatiw Miiler jedhanitti, lamaan isaanii sagalee dargaggoota Keeniyaa fi hawaasa siivikii eeguun barbaachisaa ta’uu irratti mari’ataniiru.

Blinken barbaachisummaa miidiyaalee ittisuus irra deebi’anii dubbataniiru.

Miiler akka jedhanitti, Ministirri Dhimma Alaa Ruutoodhaan humnoonni nageenyaa biyyattii gocha isaaniif akka itti gaafataman akka mirkaneessus gaafataniiru.

Waamichi kun kan dhiyaate erga mootummaan Keeniyaa maallaqa dhaabbilee Keeniyaa tokko tokkoof kenname kan Mootummaan mormii yeroo dhiyootti ka’e keessatti harka qabaachuu akka danda’u shakku irratti deebii akka argatu Faawundeeshinii Foordiif barreessee booda.

Mootummaan Keeniyaa mormii kanaan wal qabatee dhaabbilee miti mootummaa 16 tarreesseera.

Faawundeeshiniin Foord garuu ejjennoo sirna dhabdummaa irratti qabu osoo eegullee ulaagaa maallaqaa dhaabbilee kanaaf falmeera.

Faawundeeshinichi mirga lammiileen Keeniyaa karaa nagaa biyya haqaa fi haqa qabeessa ta’e leellisan kan deggaru ta’us, gocha jeequmsaa leellisu kamiyyuu akka hin deeggarre irra deebi’ee ibseera.

Akka Komishiniin Mirga Namoomaa Biyyaalessaa Keeniyaa hanga Kamisaatti ibsutti, sababa mormii kanaan yoo xiqqaate namoonni 60 du’aniiru.

Namoonni biroo 66 ammoo achi buuteen isaanii dhabamee hordofamuun hin danda’u jedhe.

Dhaabbileen mirga namoomaa poolisiin lammiilee Keeniyaa qulqulluu tajaajila fooyya’aa mootummaa irraa gaafachuun daandiirra jiran ajjeesuu himataniiru.

Mormiin kun erga eegaee yoo xiqqate ji’a tokko ol ta’eera jechuun gaazexaan Keeniyaa The Star gabaaseera.

Exit mobile version