ONM-ABO Adoolessa 30, 2024
Imphaayera Itiyoophiyaa diinagdeen bututtee kufuuf raafamaa jirtu suphuuf ergamtoonni bilxiginnaa yeroo ammaa Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti uummata Oromoo dinagdeen dadhabsiisuu irratti xiyyeeffatanii ajaja waliif kennuun caasaa olii hanga gadiitti saamicha qabeenyaa hawaasaa irratti bobba’anii jiru.
Bifuma kanaanis, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa gandoota adda addaa keessatti kaffaltii gibiraa kan durii caalaa dachaan daldaltoota irratti muranii jiraachuun ibsamee jira.
Aanicha ganda Tokkummaa Tsigee jedhamutti Adoolessa 27, 2024 irraa eegalee “gibira kaffalaa” jechuun jiraattota dirqamsiisaa kan jiran yoo ta’u, daldaltoota mana nyaataa fi dhugaatii xixiqqaa qaban irratti qarshii kuma kudha tokkoof dhibba sadiif digdama (11,320) yoo itti muran, kanneen duukkaana daldalaa xixiqqaa qaban irratti qarshii kuma kudhan (10,000) muraniiru.
Mana rifeensaa kanneen qaban irratti immoo qarshii 5,000 muranii kan jiran ta’uun, ‘namoota hin kaffallu’ jedhan ammoo ‘manneen daldalaa keessan isin irratti saamsina’ jechuun yeroo ammaa kana doorsisaa jiraachuu maddeen keenya eeranii jiru.
Dabalataan, onichuma keessaa ganda Haroo Folaa jedhamu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa sobaan hawaasa gowwomsuun “mana barumsaa oolmaa daa’immanii isiniif ijaarra” jedhanii baajata ijaarsaaf oolu jiraattota irraa guuruun waajjira gandaa kanaan dura buqqa’ee ture deebisanii ijaaraa kan jiran yoo ta’u, Bilxiginnaan kijibaan uummata gowwomsuun saamicha geggeessaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru.

